Ezekiel 36:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi ee, gaareenii Israeli waan AABBO Waaqi guddaani jed'u d'agaya. Wonti inni gaareenifi kubileefi maddafi baleefi onneeni teesanifi dira keesani ka nyaapi keesani balleese waan keesa jira ch'ufa saame, iti tabateeni jed'u tana.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu isin gaarran Israa'elii dubbii Rabbii maraa olii dhagayaa'a; Rabbiin maraa olii gaarranii fi tullootaan, bisaan yaa'uu fi dhooqa maraan, banii lafa gammoojji'iitii fi lafa onaa keessa jiraatan ka baqatan maraan, qachoota gayee isaanii ta itti baldan banii naannaya san jiran maraafuu burqaa saamichaa taateen Rabbiin maraa olii akkana jedha,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, ee gaarota Israa'elii, jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Gaarotaa fi koobotaan, dareerotaa fi dhooqotaan, qachoota duwwaa te'anee onane, ka gosi biyya adda addaa ta adaala isaanii jirtu saamiisaan itti taphatteen,