Ezekiel 37:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri deebie waaqoota harkaani boch'ani kad'ate waan hamtu tolche, akasiini ufi int'ureesu. Anini kara worri dabaani tolche nara goruni ch'ufa worra iraa gorse worra qulqulleesa. Duuba worri gumi tiyya tae, aninileeni Waaqa worraa taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan lammata waaqolee tolfamaa ufiitiin, waan isaanii ka nama jibbisiisuu fi cubbuu biraatiin uf hin batteessan; gantummaa isaan irratti kufan keessaa isaan baasee isaan qulqulleessa; hennaa san isaan banii kiyya ta'an; anillee Waaqa isaanii ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan haganaa achi waaqota dharaa ka ifiitiin, waan diqachiittuu ifiille'een yookiin yakkaa ifii maralle'een ifi hin batteessanu. Ani ammoo cubbuu isaan na lakkisanee duubatti deebi'iisaan hujane mara jalaa isaan baasee, isaan hin qulqulleessa. Achiin duuba isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a.