Ezekiel 37:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Waaqi waan nani jed'e, Namicha, qilleensati fagi waan jettuuni wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Gara ch'ufaa kooti, reefa kana hafuura tahi, lubbu iti deebisi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! qilleensatti raaga dubbadhu; qilleensi roga arfaniiyyuu dhufee akka isaan lubbu'uun jiraataniif reeffa kanniinitti akka bubbisu itti dubbadhu.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Qilleensatti raaga dubbadhu; raaga dubbadhu; qilleensaan, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee qilleensa, maddii afur irraa koyiitii, akka isaan lubbu'uun jiraatanuuf, worra ijjeefameeru kanatti hafuura baafadhu jedha› jedhiin» jedhe.