Ezekiel 38:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Shebatifi ka Dedanitifi daldaltu dira Tarshishitifi ollowaani isaaleeni waan sini jed'u, Atini duula baafte nu haate nu saamu feeta? Qarsifi worqi teennafi hori qeench'atifi miha keennale ch'ufa guuratte boojiu feeta?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saabaanii fi Deedaan, akkasuma daldaltoonni biyya Tarseesiitii fi loltoonni isaanii ‹Ati Saamu'uuf dhuftee? ati worra meeti'ii fi worqii hori'ii fi meeshaa jechuun namoota waan ati saamte qabatanii sii deemaniin heddu wolitti qabdee?› siin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sheeba'aa fi Dedaan, daldaltooti Tarshiishiitii fi ollooti isi'ii marti, si'iin: Ati saamiisaaf dhuttee? Meeti'ii fi worqii, hori'ii fi meya bacaa booji'iisaaf loltoota teeti wolitti qabattee dhuttee? Hin jedhan jedha› jedhi.