Ezekiel 38:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini d'ukuba ch'iisa hamani iti d'ufe, woraanaleeni d'iiga isa jissa. Bokaya tamna d'akhaani roobufi ch'ile ibidatiifi ibida bobau woliini roobe, isaafi askarti isaatiifi gosa heddu goli isaa taani ch'ufa balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani akka inni beelaa fi du'aan adabamu taasisa; ani isaa fi duultota isaa, namoota isa woliin jiran irrattillee rooba dirsaa, rooba baradaa gudda'aatii fi ibidda holataa isaanitti roobsa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dhukkuba hama'aa fi dhiiga dhangalaasiisaan isatti hin mura; isa irratti, loltoota isaatii fi worra isa woliin jiranu irratti bokkeya baradaa, dhakaa bokkeyaa, ibiddaa fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa.