Ezekiel 38:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini qabe, gara si galche, hooko boqoti si d'ae, siifi askarti teetile alati hirkisa — fardoole tante nama isi yaabatu woliini, ammalle gumi muumme inqamne ta wonte didiqofi gugurdo qabdu, ta goraadele qabdu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani kokkee isaatitti haada dhayadhee isaa fi duultota isaallee harkisa'aa gara hulee dhufanii uf irra isaan deebisa; duultonni isaa worra faradoo yaabbatanii meeshaa lolaa uffatan caalan; loltoonni maruu wontee gugurda'aa fi didiqqaallee qabatanii guraadeellee hidhataniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani gara duubaa si hin deebisa; ani a'oo teeti keessa hookkoo galchee, loltoota teeti mara, fardoo teetii fi abbootii fardo'oo teeti mara, worra meya woraanaa ka ifii guutuu hidhate mara, loltoota bacaa worra wontee gugurdo'oo fi wontee didiqqoo qabanu, worra shallaagaa ifii mirmiffatanu mara harkisee si woliin hin baasa.