Ezekiel 39:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri deebie raasa d'aqe qoraani inch'absatu, yokhaani badda d'aqe mukha inch'iru, wonti akanatiifi miha lola ka nyaapi iraa raawate kaani bobefatani. Worri nama duri worra saame balleese iti garagale saame balleesa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa gudda.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu hulee gara garaatii qoraan ibiddaa wolitti qabu'uu fi bosona keessaallee muka muruu isaan hin barbaachisu; sababaan meeshaa woraanaa ka namoonni gatan maraa wolitti qabatanii bobeeffachuu hin danda'an; bikka armaan dura worri biraa saama'aa isaan fixa'aa turan; amma isaan koree ufiititti saamanii isaan fixuu danda'an» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan meya woraanaa waan bobeeffatanuuf, diida keessaa qoraan caaffatiisi, gongomaa keessaa muka muriis hin barbaachisu; isaan worra isaan booji'e hin booji'an; worra isaan saame hin saaman jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.