Ezekiel 39:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya wonti kunini ch'ufti taate, anini Gogu Bale Ideemtu, ta galaana soda ilaboru jirtu, lafa Israeli keesa fulla iti awaalani tolchaafi. Gogufi duula isaa ch'ufa achiti awaalani, duuba bale sunini Bale Duula Gogu jed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee Rabbi akkana jedhe, «Hennaa wonti kun maruu ta'u dhooqa karaa galaana baya biiftu'uutiin jiru ka lafa Israa'elii keessatti argamu keessatti hulee Googi itti awwaalamu kennaaf; inni waan araanni itti baay'ateef karaa cufa; Googii fi loltoonni isaallee achumatti awwaalaman; kanaafuu dhoondhi sun ‹dhooqa loltoota Googii› jedhamee waamama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Bara san dhooqa worra karaa deemuu ta abbaayaa irraa karaa aduun baatu jirtu san awwaala Googiitiif hin kenna; Googii fi loltooti isaa martinuu achitti waan awwaalamanuuf, worra karaa ideemutti karaan hin cufama; dhooqi sun: Dhooqa Hamoon-Googii hin jedhanti.