Ezekiel 39:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani waan nani jed'e, Namicha, allaatiifi bineensa gosa ch'ufa yaami waan jettuuni, gara ch'ufaa wolti koota, sorio anini isanii kurfeese tana nyaad'a. Sorioni gaareeni Israeli irati tolchani tunini sorio guddo, ta isani fooni nyaattani d'iiga d'uddani quuftani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! rumicha gara garaatii fi busaayaa maraanuu Ayyaana ciinca'aa guddaa ani gaarran Israa'elii irratti isinii qopheessu foon isaanii nyaachu'uu fi dhiiga isaanii dhugu'uuf hulee maraayyuu wol gaya'aa koottaa'a› jedhiin» naan jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ati ee ilma namaa! Mootiin Waan Maraa, ‹Allaatota adda addaatii fi bineensota maratti dubbadhuutii: Addee maraa wolitti qabama'aatii, gara jila ciinca'aa ta ani isinii qopheessee, gara jila guddoo gaarota Israa'elii irraa kowa'aatii foon nyaadha'a; dhiigalle una'a.