Ezekiel 39:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani fooni askarti nyaattani, d'iiga worra lafa mohatu d'uddani — ka aka elemiyetifi aka ilmaani hoolatifi korbeeyiifi yokhaani koromi looni qaqalani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Foon worra jajjaba'aa ka akka kormaa korbeessaa fi tumaalessa re'iin biyya Baasaanii ka Sooramanii nyaattan; dhiiga namoota gugurdaa lafa tana irra jiruu dhuddan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka foonii fi dhiiga korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo hoole'ee, korbeeyyii re'e'eetii fi korommi'ii ka akka horii cocooma Baashaanii, isin foon worra jajjabaa nyaatanee dhiiga qondaaltota gosa biyya adda addaa hin untan.