Ezekiel 39:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba gumiini tiyya aka anini AABBO Waaqa isaani taanaani beeti. Wonti worri waan suni beekhufi, waan anini aka worra boojiani lafa d'ibi geesani iti lakise, ammo amma worra ch'ufa, ka tokole inhambisini, wolti guure lafa isaniti galchefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka isaan booji'amanii fudhataman ka godhe yoma anallee ta'e amma ammo namni tokkollee isaan keessaa uduu uf duubatti hin hafne gara biyya ufii akka deebi'an taasiseera; kanaafuu baniin ani Rabbii Waaqa isaanii akka ta'e hin beekan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti akka isaan booji'amanu godhulle, nami tokkolle adoo hin hafin wolitti isaan qabee, gara lafa ifii akka isaan deebi'anu hin godha; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.