Ezekiel 39:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri dira Israeli keesa tau miha lola ka nyaapi iraa raawate kaani guure qoraani ibidaa tolfata. Worri wonteefi guubefi t'iyafi woraanafi boku ch'ufa guure ibidaani bobeese haga ganna torba qorani tolfata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin qachoota Israa'elii keessa jiraatan maruu yaa'anii meeshaa woraanaa ka gatan maraa qoraan ibiddaa akka isaanii ta'uuf wolitti qabatan; wontee, buundhee, eboo, woraanaa fi bokkuu maraa wolitti qabatanii bobeeffatan; meeshaa wolitti qaban kanniin akka qoraaniititti haga woggaa torbaa bobeeffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Achiin duuba worri qachaa Israa'elii keessa le'u achi keessaa bayanee, meya woraanaa akka qoraanii ibiddatti naqanee hin bobeessan; wontee didiqqo'oo fi wontee gugurdoo, guube'ee fi daaya, ciira'aa fi eboo hin guban; haga woggaa torbaa isaan hin bobeessan.