Ezekiel 40:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle balbala iti olkoraniti jira, ta naabo garaa keesatini seenani: Namichi kaani balbala naabo alaatifi ta naabo keesa jiddu biime, biimani isii d'und'uma d'ibba toko taate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Balballi dallawaa ka ol guddisanii ijaaran ka gara bayima itti bayan ka gara keessaa fidu tokkotu jira; namichi sun fageenna balbala dallawa lamaanii jiru bikkee akka ciqilee dhibbaa ta'e arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni karra gara jalaa fuula duraa kaasee haga badhinna dalleya keessaa ka gara keessaatiin fuula duraatitti fageenna jiru ciqilee dhibba tokko te'e.