Ezekiel 40:28 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi kaani ammalle fullo bitatini oli naa seene, naabo keesatini na d'aqe. Inni fullo naabo suni biime, biimani isiileeni qit'uma biima fullo naabo ala taani sadeeni taate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi sun kolba balbala gara kibbaatiin gara bayima itti bayan ka keessaa na fide; inni hennaa balbala dallawaa bikku badhinni balbala kaloo gara diidaatiin woluma qixa ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba karaa karra kibbaatiin gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa na geessee, inni yennaa karra kibbaa san mike, isiin karra dhibi'iin woluma qixxee teete.