Ezekiel 40:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni maneeni sunitini na d'iannaani, anini nama aka sibiila diima bibiliqu arge. Inni haada horogeetiifi ule woini biimani harkati qabate, balbala mana toko keesa eja.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa inni achi na fide nama tokko ka akka sibiilaa ifu arge; inni haada jirbii irraa hojjatamee fi ulee ittiin waa bikkan qabatee balbala dallawaa irra dhaabatee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa inni achi na geesse, kunoo, namichi tokko ka bifi isaa sageettuu fakkaattu, wodaroo quncee talba'aatii fi ulee ittiin mikanu harka ifiititti qabatee seensuma karraa keessa dhaabbateeraayyu.