Ezekiel 40:42 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mesa afuri mana fullo naabo keesa alaani iti mat'ansani jaarani kaani keesa jira; mesa suni afraani d'akha boch'aniini mid'aasani, ammalle hori gubani sorio baasani ira kayani. Mesa kana old'eerinni isaa d'und'uma toko, d'eerinni isaa ka dalalleeni d'und'uma tokofi taaku toko, ballinni gubba isaaleeni d'und'uma tokofi taaku toko. Miha huji soriotiini tolchani ch'ufa mesa kana ira naqani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma xarapheessaan afurii ka dhagaa irraa hojjatametu jira; dheerinni isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; dalgi isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; ol dheerinni isaanii ciqilee tokko; isaan meeshaa horii ittiin qalanii fi meeshaa ciincaa ittiin dhiyeessan irra kaayu'uuf nama fayyada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Xarapheessaan afur ka dhakaa irraa hujamane, ka dheerinni isaanii ciqilee tokkoo fi gamisa, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi gamisa, hojjaan isaanille ciqilee tokkoo, ka kennansi gubamu irratti dhikaatu achi jiran. Xarapheessota kana hayyooti meya horii kennansa gubamuu fi ciincaa dhibi'iif dhikaatanu ittiin qalanulle irra keyatan.