Ezekiel 40:47 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi kaani naabo garaa keesa biime, d'eerinni isii d'und'uma d'ibba toko tae, ballinnileeni hagasuma tae, biimani isii ch'ufti wolqit'e. Mani Waaqa gama ila adu eja, isa dura waan sorio irati qalaniti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi sun hennaa bayima itti bayan ka keessaa bikku dheerinni isaa ciqilee dhibba; dalgi isaallee ciqilee dhibba ta'e; mana woyyuu afoo hulee ciinca'aa tokkotu jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni badhinna dalleya keessaa ka gara keessaalle mike; dheerinni isaa ciqilee dhibba, badhinni isaalle ciqilee dhibba; cinaan isaa arfanuu wol qixxe'e. Addeen ciinca'aa Galma Waaqaa dura jirtiiyyu.