Ezekiel 40:49 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bada suni faano itiini olkoraniti jira. Ballinni bada suni d'und'uma kud'ani lama. Bada suni dura utuba lamati moga moga ejaanja.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dheerinni balbala seensaa ciqilee diddama; dalgi isaa ciqilee kudha lama; kortoo ittiin ol bayan ka achi nama geessu kudhan; kortoo ittiin ol bayan lamaanii ladda utubaawwantu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dheerinni soroo sanii ciqilee diddama, badhinni isi'ii ciqilee kudhanii lama; yaabbannoo kudhaniin gara isi'ii ol bayan. Yaabbannoota san cinaa lamaan utubootatti jiraayyu.