Ezekiel 40:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini akuma inni baane kaani laale, Mana Waaqa ka naabo d'akhaatini marsani jaarani arge. Namichi ule isaa ta woini biimani ta d'eerinni isii d'und'uma jaa, fuud'e, naabo suni biime. Naabo suni d'eerinni isii ule toko furdinnileeni ule toko.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Naannaya mana woyyu'uu dallawatu jira ture; uleen waa ittiin bikkan ka namicha harka jiru ciqilee isaa dheera'aan ciqilee jaha ta'a; badhinni dallawaa yoo bikkan ulee tokko ol; dheerinni isaallee yoo bikkan ulee tokko ta'e; ciqileen isaa ciqilee namoota biraatiin yoo wolitti bikkan ciqilee tokkoo fi taakkuu ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, adaala Galma Waaqaa mara dalleya dhaka'aatitti marseeraayyu; harka namichaa keessa ulee miki'ii ta dheerinni isi'ii ciqilee namichaa jaatitti jiraayyu; ciqileen namichaa ciqilee tokkoo fi taakku'u. Inni dalleya dhaka'aa san yennaa miku, furdinni isaa ulee miki'ii san tokko, hojjaan ulee miki'ii san tokko te'e.