Ezekiel 41:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Muumme lafa akanumati lakisani taani, Mana Waaqatini ila adu, mana tokoti jira, ka d'eerinni isaa d'und'uma sagaltama, ka ballinni d'und'uma torbatama; furdinni girgida isaa ch'ufti d'und'uma shani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara dhiya adu'uutiin qaccee lafa duwwa'aa san afoo mana dhaga'aan ijaarametu jira; naannofni yabbinna dhaaba mana sanii ciqilee shan; dalgi isaa ciqilee torbaatama; dheerinni isaa ammo ciqilee sagaltama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Galma Waaqaa irraa karaa aduun seentuun, ijaarsi gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatitti fuula galeeru tokko jiraayyu; furdinni dalleya ijaarsa sanii gara maraanuu ciqilee shan, badhinni isaa ciqilee torbaatama, dheerinni isaa ammoo ciqilee sagaltama.