Ezekiel 41:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fuuli toko ka namati; inni meet'i moga tokoti fuula deefata; kaani ka nyeench'ati; kunileeni meet'i moga taaniti fuula deefata. Wonti kunini girgida mana suni ch'ufa akasuma garaa keesani marsite ira jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fuula ufii ka nama fakkaatu ka cinaa tokkootiin gara muka meexxi'ii laala; fuulli isaa ka cinaa kaanii ammo ka leenca darmii fakkaatu gara meexxi'ii laala; isaan naannaya mana woyyu'uu irratti kaafamaniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka fuula namaa qabu gara muka meexxi'ii ka gara tokkoo, ka fuula neenqa dardaraa qabu gara muka meexxi'ii ka gara kaanii fuula galeera. Isaan martinuu naannoo Galma Waaqaa irratti qiriixamaneeran.