Ezekiel 41:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ka mukhaani jaaraniti jira. Old'eerinni isaa d'und'uma sadi, ballinni isaaleeni d'und'uma lama. Miila isaa afraniifi waan inni ira ejaanjufi moga isa ch'ufa mukhaani mid'aasani. Namichi waan nani jed'e, mesaani kunini ka AABBO Waaqa dura d'aabani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Seensa mana woyyu'uu afoo hulee ciinca'aa ka muka irraa hojjatame fakkaatutu mudhata; isaan maruu roga wol qixxaayaa afur qaban; ronni maruu ciqilee lama lama; ol dheerinni isaa ciqilee sadihi; utubaawwan roga sanniin irkisu bu'uurrinii fi laddi isaanii maruu muka irraa hojjatame; namichi sun «kun xarapheessaa Rabbiin afo'otti argamu» naan jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addeen ciinca'aa ta muka irraa hujante, ta hojjaan isi'ii ciqilee sadii, dheerinni isi'ii ciqilee lamaatii fi badhinni isi'iille ciqilee lamaa takka jirtiiyyu; rogi isi'ii, shafeen isi'iitii fi cinaan isi'ii mukaa irraa hujameera; inni anaan, «Kun xarapheessaa Mootii Waan Maraa dura jiru» jedhe.