Ezekiel 41:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni dinqati oldabre mikhikila balbala isaa biime: d'eerinni d'und'uma lama ballinni d'und'uma jaa; ballinni kuta balbala suni d'und'uma torba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achi keessallee ol lufee hulee wol bira lufaniin ka gara keessaa ol fidu hennaa bikku dheerinni ciqilee lama; dalgi ammo ciqilee jaha ta'e; dalloofni dhaga'aan ijaaran ka bita'aa fi mirga jiran yabbinni isaanii ciqilee torba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba gara kolloo keessaa seenee, utuboota balbala isi'ii mikee, dheerinni ciqilee lama, badhinni balbalaa ciqilee jaa, badhinni dhaabi isi'ii ka cinaa lamaanii tokko tokkoon isaatuu ciqilee torba te'e.