Ezekiel 41:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maneeni tunini ch'ufti wolti sodoma, maneeni sodoma tana gubbati maneeni sodoma d'ibi ta dachaa lama wolgubbati jaaraniti jira. Girgidaani Mana Waaqa jalati ballate furdate, gubbati qalata, aka akanaani maneeni wolgubbati jaarani kaani girgida suniti hirkate, ammo aka d'ibi iti inejine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kutaawwan kunniin tokko tokko irratti gamoo sadihii ta'anii ijaaramanii gamoowwan maruu kutaawwan soddoma qaban; ijaarsi gara diidaa ka mana woyyu'uu ka gamoo maraatuu ijaarsa gamoo gara jalaatiin jiru caalaa haphi'i; sababaan kun ta'eef uduu ijaarsa mana woyyu'uutitti hin maxxanne kutaawwan sunniin ijaarsa dallawaatitti maxxananii waan ijaaramaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kollooti cinaa lamaanii kuun kaan gubba'atti sufamee, sufaa sad te'anee wol irratti ijaaramaneeran; sufaan sun tokko tokkoon isaanii kolloo soddoma qaban. Kolloota cinaa Galma Waaqaa jirtu san kiphiisaaf dagalee heddu'utti jira; te'uu malee dagaleen hedduun sun Galma Waaqaatitti hin maxxanne.