Ezekiel 41:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba akanaani girgidaani Mana Waaqa, hojja alaa laalani, waan furdinni isaa jalafi gubbeleeni haga takaa fakaata. Maneeni Mana Waaqati mat'ansani jaarani suni alaani faano lama baballo iti jaarani, aka akanaani nami maneeni woligubati jaarani taani iti olkoru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhaabni manaa ka jalaa dhaaba gamo'oo irra yabba'a; yoo gara diidaatii laalan ammo jalaa haga gubba'aa furdinni dhaaba manaa wol qixa fakkaata; dhaabni manaa jalaa haga gubba'aatitti haphata'aa waan deemaniif akkuma ol bayaniin laakkobsi kutaawwanii badhata'aa deeman; karaa itti ol bayaniinillee karaa gamoo lafa irraa ol ka'ee gara gubba'aa ol bayuutiin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Badhinni kolloota adaala Galma Waaqaa sun sufuma sufaa irratti badhataa ol ideema; dhaabi ijaarsaa ka jalaa ka ol aanu caalaa furdata; yaabbannoon jalaa ol sufaa wodhakka'aa keessa bayee gara sufaa gubba'aatitti baasu jiran.