Ezekiel 42:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi waan nani jed'e, Maneeni tunini lachu qulqullo. Maneeni tana keesati qaaloleeni Waaqa dura d'uftu sorio ch'ufa ira qulqullo nyaati. Waan d'iibuni tunini qulqullo taateefi qaaloleeni sorio ch'ufa ira qulqullo taani achi keesati olkeeti: mid'aani Waaqa baasanifi sorio dabaani ufi ira baasanifi yokhaani waan gati sorio baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi sun akkana naan jedhe, «kutaawwan hulee duwwaa afoo gara kaabaatii fi gara kibbaatiin jiran ka woyyooman; sababaan woyyoomaniif waan hulee gadoonni gara Rabbii dhiyaatan midhaan woyyoome itti nyaataniif; huleen sunniin waan woyyuu ta'aniif kennaa midhaanii, kennaa waan cubbu'uutii fi ciincaa waan yakkaatiif dhiyaatu keessa kaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni anaan, «Kollooti kaabaatii fi kibbaa worri fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaa jiranu sun woyyoota. Achitti hayyooti fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaattu kennansa woyyicha nyaatti. Addeen sun woyyittii waan teeteef, kennansa irraa caalaa woyyuu te'e: kennansa midhaanii, kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatulle achi keyan.