Ezekiel 42:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo qaaloleeni eegi qara Mana Waaqa duude ammalle keesaa baate gara naabo ala d'aqu feete, worri woya qulqullo, ta AABBO Waaqa duraani hojattu, d'iibu tana keesati lakisu male, Worri woya d'iibi keeyachu male ato fulla biyyiti iti wolwoldeetu ind'umne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadoonni gara hulee woyyoomee san dhaqanii uffata ittiin tajaajilan haga uffataniin maayessa uffata tajaajilaniin san uduu hin mulqanne gara bayima itti bayan ka diidaa hin bayan; uffanni sunniin waan woyyoomaniiraniif hulee woyyuu sanii bayanii gara hulee bani'ii eeyyamamee uduu hin geenne uffata biraa uffachuu isaan barbaachisa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyooti gara addee woyyitti'ii san seenaneen duuba uffanni achi keessa ittiin tajaajilanu woyyuu waan te'eef, uffana san adoo ifi irraa baafatanee lafa hin keyin, achi keessaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti gad hin bayanu. Isaan gara addee kolbaa taaniititti adoo gad hin bayin woyaa dhibii uffatuu qaban» jedhe.