Ezekiel 42:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mana kana gama mirga, karaati jira; ballinni kara suni d'und'uma kud'ani, d'eerinnileeni d'und'uma d'ibba toko, ka balbalti seenaniini gama suni jirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kutaawwan afoo gara keessaatiin hulee wol bira lufan ka dalgi isaa ciqilee kudhaniitii fi ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaatitu jira; huleen seenaniin kolba gara kaabaatiin jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolloota san dura karaan gara keessaa dabarsu ka badhinni isaa ciqilee kudhan, dheerinni isaa ciqilee dhibba tokkootitti jira. Balbalti kolloota sanii karaa kaabaatiin jiran.