Ezekiel 43:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba yo worri waan suni arge ch'eere, aka Mana Waaqa kana jaaru malani worra garsiisi — aka inni jiraachu male, balbalafi d'aaba isatifi aka nafi isaa ch'ufti jiruufi aadaafi seera isaale ch'ufa. Waan akana ch'ufa worraa t'aafi, aka worri aka waan ch'ufa mid'aasu malani arge, aadaafi seera isaa ch'ufa guutu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan waan godhan sanniinitti yoo ka saalfatanii akkaataa mana woyyuu itti ijaaran, akkaataa itti hundeessan, akkaataa ittiin seenanii fi ittiin bayan, wolii gala ijaarsaa, akkaataa seera ittiin jiraatanii fi waan seera maraatuu isaan hubachiisi; wolumatti qaba'atti akkaataa manni woyyu'uu itti ijaarame hubatanii seera maraa akka raawwachuu danda'an isaan afo'otti barreessi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan waan godhane maratti yoo fokkifatane, Galmi Waaqaa attam akka itti ijaaramiisaaf akeekkameeru, attam akka ijaaramaaru, karaa gad baya isaa, karaa seensuma isaa akka isaan beekanu godhi; akeeka ijaarsa isaa duudii, seerataa fi seera isaa mara akka dansaa akka beekanu godhi; akka isaan seeraa fi seerata isaa hubatanee muummessanu ila isaanii duratti barreessi.