Ezekiel 43:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan sorio irati baasani, ka mesa fakaata, d'und'umuma Mana Waaqatini biimanini biimani. Waan mesa jala d'ad'aabani waan gingiti d'iigi iti yau iti mid'aasani waan suni qilumani isii d'und'uma toko, ballinni isiileeni d'und'uma toko. Ammalle moga isii ta ala, waan woi jigu d'owa toko, ka old'eerinni isaa taaku toko jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hanni hulee ciinca'aa huleen inni taa'u dheerinni isaa ciqilee tokkoo fi dalgi isaa ciqilee dheeraa tokko yoo ta'u badhinni ladda naannaya isaa taakkuu tokko; ciqileen dheeraan kun ciqilee biraa ciqilee tokkoo fi taakkuu ta'a; kun ol dheerinna hulee ciinca'aati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Mikiin addee ciinca'aa ta ciqilee dheertu'uu, ta ciqilee tokkoo fi taakku'uu ta asii gad jirtu. Jalli isi'ii ciqilee tokko hojjaa ol dheerata; isiin ciqilee tokko badhatti; irgi isi'ii ka itti naannoweeru taakkuu tokko hin te'a; kun hojjaa addee ciinca'aa hin te'a: