Ezekiel 43:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jali mesa suni, waan inni ira eju kaani oli d'und'uma lama. Jidduuni isaa keesileeni jala isaa suni d'und'uma toko moga ch'ufaani hanqate, ammalle old'eerinni isiileeni d'und'uma afuri. Ammalle gubani isaaleeni jiddu isaa suni d'und'uma toko moga ch'ufaani hanqate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bu'uurri lafa irraa jalqabee haga lafa jalaa dheerinni isaa ciqilee lama; dalgi isaa ciqilee tokko hulee irra ol bayaniin diqqa'aa jalqabee haga gudda'aa dheerinni isaa ciqilee afur; dalgi isaa ciqilee tokko.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hundee lafa irra jirtu irraa ka'ee haga irga buusaa gad aanuutitti hojjaan isi'ii ciqilee lama; badhinnille ciqilee tokko. Irga buusaa diqqa'aa irraa kaasee haga irga buusaa gudda'aatitti hojjaan isi'ii ciqilee afur, badhinni isi'iille ciqilee tokko.