Ezekiel 43:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan nani jed'e, Namicha, fullaani anini barch'uma kiyya ka guddinna ira tau tana. Anini arma worra Israeli keesa tae worra fida. Worra Israelitiifi hayyooti worraleeni deebite waaqa d'ibi kad'atte, yokhaani reefa hayyoota worraa fulla tanati awaalte maqa kiyya qulqullo int'ureesitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkana naan jedhe, «Ilma namaa! manni woyyuun kun ka ani Israa'eliin keessatti baraa haga bara baraa teessoo kiyyaa fi hulee hara itti baafadhu; ammaa achi worri Israa'eliitii fi mootonni isaanii waaqolee tolfamaa waaqeffatu'uu fi hujii hamaa hennaa mootonni isaanii du'an raawwataniin maqaa kiyya arrabsisiisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
inni anaan, «Ee ilma Namaa! Tun addee barcumaa mootummaa tiyyaa, addee ijjata miila kiyyaa, addee ani kolbaa Israa'elii odduu haga bara baraa le'u. Kolbaan Israa'eliitii fi moototi isaanii haganaa achi gaarayyeeffatiisaan, waaqota dharaa ka lubbuu hin qanne ka mootota ifii addee waaqonfannaa ifiititti waaqonfatiisaan maqaa kiyya woyyicha hin batteessanu.