Ezekiel 43:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyooti mana ufi mikhikilafi siddo iti mid'aasite balbala keesa keete d'aatu mikhikila balbala mana kiyya jaarte. Aka duuba akanaani girgidaani ch'allaani nu jiddu jiru. Worri waan hamtu ch'ufa tolche, akasiini maqa kiyya qulqullo t'ureese. Jennaani anini dallansu keesa worra balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootonni isaanii hulee irra dhaabatanii fi qasatoowwan mana mootummaa ufii hulee irra dhaabatanii fi qasatoowwan mana woyyuu kiyyatti dhiyeessanii waan ijaaraniif ka mana kiyyaa fi mana isaanii gar gar fooyu dhaabuma manaa ka gama tokkoo callaa ta'eera; hujii hamaa nama jibbisiisu raawwatanii maqaa kiyya woyyuu arrabsisiisaniiran; sababaa kanaaf ani lola kiyyaan isaan balleesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Karaa seensuma balbala isaanii, karaa seensuma balbala tiyya bira, mikikkila isaanii mikikkila kiyyaa biratti dhaabiisaan, anaa fi isaan wodhakkaa dhaaba dhaka'aa tokko qofatti jira. Isaan waan diqachiisaa ifiitiin maqaa kiyya woyyicha batteessane; tanaaf ani aarii tiyyaan isaan fixe.