Ezekiel 44:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri aka qaalole tae naa hojate, waan qulqullooti d'iaate fulla Fulla ch'ufa ira Qulqulloole olseenu himmalle. Aki waan worri waan hamtu suni taheefi worra gaargalchani akasi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isaan gadumma'aan tajaajilu'uuf gara kiyya hin dhiyaatan; gara kennaa kiyya ka midhaanii ka guddisee woyyoomee hin dhiyaatan; isaan hujii hamaa nama jibbisiisu waan raawwataniif bu'aa hujii sanii ufumaa argatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan hayyuu te'anee ana tajaajiliisaaf gara kiyya hin dhikaatanu; gara meya kiyya woyyichaa, gara waan kiyya ka irra caala woyyu'uu maralle hin dhikaatanu; ammoo waan diqachiittuu hujane saniif salphinna ifii hin uffatan.