Ezekiel 44:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Qaaloleeni gosa Lawi, ta d'aloota Sadoki, gaafa gumiini Israeli taani na lakifte, na illakimne ammo aka dansaa garaa tokooni naa saalfate naa hojate. Tanaafi amma nami na dura d'ufe naa hojate gabbinnafi d'iiga sorio naa baasu worruma.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Baniin Israa'elii kuuwwan ana gananii hennaa na irraa fagaatan worri gadootaa ka fiixaa Saadooqii irraa dhalatan worri gosa Leewwi'ii ka amanamumma'aan jabaatanii mana woyyuu kiyya keessatti na tajaajilan hin jiran; kanaafuu worri na afoo dhaabatanii coomaa fi dhiiga ciinca'aa dhiyeessu'uun na tajaajilan isaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Kolbaan Israa'elii yennaa ana irraa gorane, worri hujii Galma kiyya keessaa addatamumma'aan hujane, sanyiin Zaadoqii Lewwooti, ana tajaajiliisaaf na dura hin dhufan. Coomaa fi dhiiga naaf hin dhikeessan.