Ezekiel 44:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja worri fullo naabo Mana Waaqa ta garaa keesatini oliseenu, ha woya boofta uyifatuti. Worri hojja naabo garaa keesa yokhaani Mana Waaqa keesa hojatu, woya liilaana shuufatiini mid'aasani tokole keeyachu himmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan hennaa balbala dallawaa ka gara keessaatiin mana woyyuu bira geessu seenan uffata gatii gudda'aa ka jirbii irraa hojjatame uffachuu isaan barbaachisa; hennaa mana woyyuu keessatti tajaajilanii fi bayima itti bayan ka keessaatittillee uffata rifeensa hoola'aa irraa hojjatame uffachuu isaan hin barbaachisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan yennaa karra badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa seenanu, woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatanuu ti; isaan yennaa karra badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa seenanu yookiin Galma Waaqaa keessa tajaajilanu, woyaa rifeensa hoole'ee hin uffatin.