Ezekiel 44:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri, ato naabo alaa fulla gumiini jirtu ind'anne, miha Mana Waaqa keesati keeyate kaani ufira yaase, maneeni qulqullooti lakisu male. Worri woya d'ibi naqachu male, aka woyaani qulqullooni worri naqatu taani biyya woma intolchine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu gara bayima itti bayan ka diidaa ka baniin itti argamu hin baaneen dura uffata mana woyyu'uu keessatti ittiin tajaajilama'aa turan san mulqatanii manniin meesha'aa woyyuu keessa kaayanii uffata biraa uffachuu isaan barbaachisa; wonti isaan waan kana godhaniif baniin uffata isaanii ka isaanii hin eeyyamamne tuqanii akka hin miidhamneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan gara kolba'aa badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti yennaa gad bayanu, woyaa ittiin tajaajilane baafatanee kolloota woyyoota keessa keyanuu ti. Kolbaan woyaa woyyittii san tuxxee akka hin miidhanne, woyaa dhibii uffatanuu ti.