Ezekiel 44:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaalluuni reefa tuqe ufi t'ureesu himmalle, yo reefi sunini ka abbaafi haad'a isaa, yokhaani ka ilmaani isaa, yokhaani ka oboleesa isaa, yokhaani ka oboleeti isaa ta infuud'ini taate male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadichi kamuu maatii isaa keessaa namni tokko, ijoollee isaa keessaa tokko yookaan obboleessa isaa yookaan ammo obboleettii isaa ta hin heerumne yoo hin taanee reeffa nama biraa tuqee uf batteessuu isa hin barbaachisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan nama du'etti dhikaatanee ifi hin batteessin. Te'uu malee nami du'e sun abbaa yookiin haadha, ilma yookiin intala, obboleessa yookiin obboleettii hin heeruminiif ifi batteessuu hin dande'an.