Ezekiel 44:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mid'aani Waaqaa baasanifi sorio dabaani ufi ira baasanifi horini gati sorio baasanileeni ha sagale qaalole tahuti; ammalle waan Israeli keesa naa olkayani ch'ufa worraa kennu malani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ciincaan midhaanii, ciincaan dhiifamsa cubbu'uutii fi ka dhiifamsa yakkaatiif dhiyaatu nyaata isaanii haa ta'uu; biyya Israa'elii keessatti kennaa anaaf fooyame maraa haa fudhatanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kennansi midhaanii, kennansi sababa cubbu'uutii fi kennansi sababa yakka'aa, Israa'el keessatti wonni ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame marti ta isaanii ti.