Ezekiel 44:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani yayu nama gosa d'ibi, ka qabanqaba inqabanne, ka ammalle naa insaalfanne, hojja gabbinnafi d'iiga sorio naa baasani Mana kiyyati galchitini akasiini Mana kiyya t'ureesitani. Duuba akanaani gumi tiyya isani yayu waan hamtu taatani wold'aqisa kiyya ch'absitani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin hennaa coomaa fi dhiiga kennaa nyaataa gootanii naa dhiyeessitan worra naa ajajamuu hin barbaannee fi orma hin gadoomne gara hulee woyyuu kiyya seensiftanii mana woyyuu kiyya batteessitaniirtan; hujii keessan battii maraanuu waadaa kiyya diiddaniirtan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hujii teessan diqachiittuu san irratti edeetanee, worra naaf hin ajajanne ka haqanqabaa hin qabatin orma gara Galma kiyyaa galchitanee, yennaa sagalee, coomaa fi dhiiga naaf dhikeessitanu, Galma kiyya batteessitaneertan; gondooroo tiyyalle diiddaneertan.