Ezekiel 45:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja lafa qoodani gosa Israeli ch'ufa qooda isii kennanifi, qooda toko ha eebisani AABBO Waaqaa koba kayani. Qooda suni, d'eerinni isaa ejata kuma kud'ani lamafi d'ibba shani, ballinnileeni ejata kuma kud'ani. Lafti sunini ch'ufti, haguma geetunu, qulqullo taati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa gosa maraafuu gayee qoodan qoonni tokko ka Rabbii ta'a; dheerinni lafa sanii ciqilee kuma diddamii shaniiti; dalgi isaa ciqilee kuma diddama; naannoon isaa maruu ka woyyoome ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Isin hixaa buusiisaan lafa yennaa hirtanu, lafa kutaa woyyittii dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isi'ii ciqilee kuma diddamaa, Mootii Waan Maraatiif adda baasa'aatii kenna'a; latti sun duudiin woyyuu hin teeti.