Ezekiel 45:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Efafi bathini biimani qit'e tahu malte. Bathini kud'ani homeri toko, efani kud'anileeni homeri toko; biima waan ch'ufa homeri tanaani beekhani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka meeshaa ittiin waa safaran maraa bikku goomoorii haa ta'uu; iifiin waan goga'aan bikkanii fi baatiin waan dhangala'uun bikkan maruu wol qixa ta'uu barbaachisa; akkaataa kanaan goomooriin tokko ganaa kudhanii fi waan dhangala'aan bikkan kudhan woliin wol qixa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eefa'aa fi baatihiin sun wol qixxee te'anuu ti; isaan lamaanuu yennaa mara madaallii «Homer» jedhamu harka kudhan keessaa harka tokko qabatan. Homer madaallii wolii galaa te'uu ti.