Ezekiel 45:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni hori gubanifi mid'aani Waaqaa baasanifi daad'i Waaqaa baasanile gaafa jila baatitifi ta Sabatotifi jila d'ibile, maro gosa Israeli ch'ufaa jed'e, baasu male. Ammalle inni sorio dabaani ufi iraa baasanifi mid'aani Waaqaa baasanifi hori gubani sorio baasanifi sorio wold'ageetile baasu male. Aka akanaani ch'ubbu worra Israeli balleesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ciincaa ciincawu, kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii, aayyana jalqaba ji'aa, sambattan, ayyaannan banii Israa'elii keessatti ayyaanteffamuuf waan barbaachisu maraa qopheessuun gayee bulcha'aati; akka dhiifamsa cubbu'uu banii Israa'eliitiif ta'u ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu, kennaa midhaanii, ciincaa ciincawuu fi kennaa waan fayyumma'aa qopheessuu isaan barbaachisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kennansa gubamu, kennansa midhaanii, kennansa daadhii woyni'ii, guyyoota jilaatitti, guyyoota baatii ji'aatii fi guyyoota Sanbataatitti, jila Israa'elii ta beekkante mara irratti dhikeessiis hujii qondaala Israa'elii ti; inni kennansa sababa cubbu'uu, kennansa midhaanii, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kolbaa Israa'eliitiif gumaa araara cubbu'uu hin dhikeessa.