Ezekiel 45:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qooda kana keesa, fullaani Mana Waaqa iti jaarani jiraachu malte. Fulla suni, d'eerinni moga isii ch'ufti ejata d'ibba lamatifi shantama tahu male. Ammalle fulla tana lafa ballinni isii ejata diddami shanitini marsu malani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Naannoo kana keessaa dheerinni roga maratuu ciqilee dhibba shanii ta'ee huleen tokko ka roga afurii qabu mana woyyu'uutiif ramadama; badhinni naannaya lafa kanaa hulee duwwaa ciqilee shantamaa qabu qabaata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lafa san keessaa ta dheerinni isi'ii ciqilee dhibba shan, badhinni isi'iille ciqilee dhibba shan te'e, ta addee duwwaa badhinni isi'ii ciqilee shantamaa adaala ifiitii qaddu Galma Waaqaatiif teetuu ti.