Ezekiel 45:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jia ch'ufa, guyya torbeeso, atini maro nama danu ch'ubbu tolcheetifi nama wollaala keesa ch'ubbu seenele jette, akasuma tolchu malte. Kara kanaani atini Mana Waaqa qulqulleesita.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Cubbuu namni kamuu uduu hin yaannee fi uduu hin beenne hojjate maraafuu guyyaa torbeesso'ootitti akkasuma goota; akkaataa kanaan akka manni woyyuun woyyoomu goota.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko dokonkoraan yookiin adoo hin beekin cubbuu hujeef guyyaa torbeesso'oo akkuma kana godhi; maarre akkanaan Galma Waaqaatiif gumaa godhi.