Ezekiel 45:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa qulqullo tana moga hafte taani d'ibi ha worra Lawi, ka Mana Waaqa keesa hojatu, kennani. Ammalle dira worri iti galule ch'ufa achumati jaarani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lafti hafe gariin ka dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shanii, ka dalgi isaa ciqilee kuma kudhanii ta'e ammo gayee worra leewwotaa ka mana woyyuu keessatti tajaajila gara garaa tajaajilaniif kennama; qachoonni isaan keessa jiraatanillee achumatti ijaaraman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Latti dhibiin ta irraa hatte, ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhanii Lewwoota worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanuuf, qachaa keessa le'anu itti ijaarratiisaaf qabeenna isaanii hin teeti.