Ezekiel 45:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle hayyu lafa mohatu qooda lafaa kennuufi malani, qoodi lafa suni ha lafaa qulqullo suni, moga isii ta ila adu iraa bahe, ilaadu qajeele, baariini guddati ejuti; ammalle moga isii ta ilaboru seeri ha ilaboru qajeele, seera lafa ka ilaboruti ejuti duuba akanaani d'eerinni lafa suni qooda lafa, ta gosa Israeliti kennani wolqit'e taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qoonni bulchaa biyyatti'ii hulee woyyu'uu fi kaloo qachatti'iitti aanee gara lamaaniinuu jechuun gara dhiya adu'uutiin haga daangaa biyyatti'ii gaya; gara baya biiftu'uutiin lafa haga daangaa biyyatti'ii gawu kalan; dheerinni isaa gayee gosa tokkoo qoodan gaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Qondaaltichi bulchaan biyyaa addee woyyittii sanii fi qachaa san karaa aduun seentuu fi karaa aduun baatuun, lafa haga meessaa biyyaa dheerattu qabaachuu qaba; latti sun haguma lafa gosa tokkoof kennantuu dheerattuu ti.