Ezekiel 45:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Hayyoota Israeli, isani bara heddu ch'ubbu tolchitani! Ule isani nama d'aantanifi daba isani nama dabsatani suni lakisa. Waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha. Deebitani gumi tiyya lafa isaani keesaa ingussina, nami dubbi tana isaniini jechu jiru ana, AABBO Waaqa gudda.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isin bulchoota Israa'elii! hennaa hedduuf cubbuu hojjata'aa jiraattaniirtan; amma ammo dhiibba'aa fi nama hucuucuu dhiisaa'a! waan qajeela'aa fi waan dhuga'aa hojjadhaa'a! akka baniin kiyya ammallee lafa irraa buqqa'anii baqatan hin godhinaa'a! ka waan kana isinitti himu ana Rabbii maraa oliiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee, qondaaltota Israa'elii! Isin geettuu ti; hunnaan namatti ka'iisaa fi nama cunqursiisa lakkisa'a; haqaa fi balchummaa huja'a; kolbaa tiyya lafa isaanii irraa ari'iisa lakkisa'a; tana ana Goottaa Mootii Waan Maraatitti dubbate.