Ezekiel 46:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya Sabatotifi ka jila baati ch'ufa, mid'aani jibichaafi elemo woliini baasani ha t'aasa gudda kud'ani torbafi diqa toko tahaniti. Ammalle ilmoole hoola woliini abbu ha waan fed'u baase AABBO Waaqa kad'atuti. Mid'aani baasani kana woliini d'ad'a dulo sadile ha baasaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa ayyaannan gugurda'aa fi didiqqa'aallee kennaan midhaanii ka korommi'ii fi korbeeyyii hoola'aa maraa woliin dhiyaatu ganaa tokko haa ta'uu; namni Rabbii sagadu maruu ilmoo hoola'aa maraa woliin haguma ufii barbaade haa dhiyeessuu; kennaa ganaa tokkoo maraa woliin haa dhiyaatuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyoota jilaatii fi guyyoota jila beekkantee mara kennansi midhaanii ka dardara tokko woliin dhikaatu bullaa eefaa tokko, ka korbeessa hoole'ee tokko wolille'een dhikaatu eefaa tokko te'uu ti; buruusota woliin haguma inni kennuu dande'e, bullaa eefaa tokko tokkoof zayitii litirii sad dhikeessuu ti.