Ezekiel 46:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja hayyichi fed'i ufitini waan Waaqaa baasani baasuu fed'u, waan gubani Waaqaa baasani taanaani, yokhaani sorio wold'ageetile taanaani, balbala ilaboru ta naabo garaa keesatini oli seenani ha bananiifi. Inni waan suni ha akuma guyya Sabato baasu baasuti, ammalle eegi inni keesaa bahe balbala ha ch'ufaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi mooti'ii tokko ka baallii qabu hennaa ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa fedha ufiitiin Rabbii dhiyeessuu barbaade balballi gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaa fidu haa banamuufii; kennaan inni dhiyeessullee akka kennaa Sambataa itti raawwataniititti haa raawwatamuu; inni haga bayee deemeen maayessa balballi haa cufamuu.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Qondaala fedhii ifiitiin kennansa gubamu yookiin kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisa dhufuuf, nami tokko karra fuullee karaa aduun baatuu isaaf banuu ti. Innille akkuma guyyaa sanbataa kennu san kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kennuu ti. Achiin duuba inni bayee deemuu ti; inni deemeen duuba karri cufantuu ti.